Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Tattaaffii hundagaleessaa oomisha nyaataan of danda’uu gaggeeffameen bara bajaata 2013tti sassaabbiin oomisha gara kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 42 ol guddachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Qabiyyee gadii aanaarratti kan oomishaamaan oomishaaleen bara baajata 2003 kuntaala miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona duraan tureerraa bara baajata xumurameetti gara kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 42tti guddisuun danda’ameera.
Ragaan Ministeeraa Qonnaarra argamee akka muul’dhisutti kuduraalee fi muduraaleen qabiyyee gadii aanaarratti oomishamaan bara baajata 2013 kan turee kuntaala miiliyoona 22 irraa bara baajata xumurameetti kuntaala miiliyoona 60 qaqqabeera.
Guddina qonnaa Ityoophiyaa fi oomishaa biyyoolessaa waliigala bara baajata 2003 hanga 2012tti %8 galmeessuu karoorfamee waggichatti guddinni %5.3 galmeessuu ragaan ministeerichaa ni muuldhisa.
Waggichatti oomisha callaa %6.1 akkasumas qabeenyaa horii %3.7 guddateera.
Damee qonnaa dhaabbiin ceesisuuf akkasumas imalaa guddina Ityoophiyaa galmaan gahuuf imaammataa qonnaa fi misooma baadiyyaa foyyeessuun akka raggasifamuuf qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyaachuu ragaan ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.