Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Tatamsa’inni Vaayrasii koroonaa Afrikaatti ariitiin itti fufeera.
Ardii Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma 3 ta’aniiru.
Namoonni 70 ol du’aniiru.
Afrikaan kibbaa ammoo biyya daraan miidhamaa jirtuudha jedhame.
Addunyaarratti namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 32 fi 788 dhibee kanaan qabamuu isaanii ibsameera.
Ameerikaatti qofa namoonni kumni 85 fi 991 qabamaniiru.
Hanga sa’aa kanaatti waliigala namoonni kumni 24 fi 77 kan du’an yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 22 fi 672 ammoo dhibicharraa dandamataniiru jedhame.
Biyyoota dhibeen kun keessatti muul’ate keessaa Xaaliyaanitti namoonni kumni 8 fi 215, Ispeenitti namoonni kumni 4 fi 365, Chaayinaatti namoonni kumni 3 fi 292 du’uun sadarkaa duraatti argamu.
Maddi:-CGTN, Reuters fi CNN