Tatamsa’inni Dhibee Busaa dachaa sadiin dabale – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti tatamsa’inni Dhibee Busaa dachaa sadiin daballii argisiisuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Bara baajataa kana qofa lammiileen miiliyoonni 2.3 dhibee Busaan qabamuu ministeerrichi ibseera.

Waggoottan darban keessa waraanni, buqqaatii fi hongeen biyyattii mudate dhibichi baay’inaan akka babal’atu qooda olaanaa ba’uu eerameera.

Ityoophiyaatti dhibichi yeroo gara yeroo dabalaa dhufuu isaa hordofee naannawaa dhibichaaf saaxilamoo ta’anitti hojiin ittisaa fi hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan eeraniiru.

Guyyaa dhibee Busaa yeroo 16ffaaf Ityoophiyaatti kabajamu sababeeffachuun duulli hubannoo uumuu kan gaggeeffamu ta’uu eeruu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment