Tatamsa’ina vaayrasii koronaa ittisuuf marsaa 2ffaan namoota Miiliyoona 37 oliif leenjiin kennameera-  Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Tatamsa’ina vaayrasii koronaa ittisuuf marsaa lammaffaan namoota Miiliyoona 37 fi kuma dhibba 4 fi kuma 19 fi 41’f leenjiin hubannoo cimsuu kennamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Leenjiin hubannoo cimsuu Kun hawaasaaf kan kenname gama miidiyaa, waraqaa beeksisaa, suursagalee fi bilbilaan ta’uu Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti qindeessaan yaala vaayrasii koroonaa Dooktar Tasfaayee Kabbabawu eeraniiru.

Daayreektarri Daayreektoreetii barnoota fayyaa fi kominikeeshinii Biiroo Fayyaa Oromiyaa aadde Sa’aadaa Ahmad gamasaaniin vaayrasiin koroonaa bifa jijjiirachuun hawaasa keenya miidhuu waan danda’uuf of eeggannoon godhamuu qaba jedhaniiru.

Keessattuu gosti vaayrasii koroonaa Deeltaa fi Omikiroon saffisaan waan tatamsa’aniif, ayyaanotaa fi simannaa diyaaspooraa irratti xiyyeeffannoon hojjachuun barbaachisa ta’uu kaasaniiru.

Jibriil Huseen fi Oliyaad Ahmadtu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment