Tasgabbiin Ityoophiyaa naannichaaf murteessaa ta’uu Antooniyoo Guutaareez ibsan

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa mirkaneessuun naannichaaf murteessaa ta’uu barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutaareez ibsan.
 
Antooniyoo Guutaareez jijjiirrama Ityoophiyaatti eegalame milkeessuun fayyadamummaa ummata Ityoophiyaa mirkaneessuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Nageenyii fi tasgabbiin Ityoophiyaa Baha Afrikaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaa Ityoophiyaa waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii waaraa buusuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
 
Rakkoon nageenyaa naannoo Tigraay waliin uumame ariitiin furmaata argachuun ummanni jireenya nagaa akka jiraatu yaadachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment