Tarsiimoon foon diimaa biyyaalessaa ifoome

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Ministeerri Qonnaa tarsiimoo foon diimaa biyyaalessaa ifoomse.

Tarsiimoon foon diimaa biyyaalessaa oomishaa fi omishtummaa beeyladoota foonii, dhiyeessii daldalaa biyya keessaa fi alergii akkasumaas galtee indaastirii dabaluun sirna gabaa cimsuuf tarsiimichi kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Ministeerichatti Hoji Raawwachiistuun Misooma Beeyladaa fi Qurxummii Aadde Tsigeeradaa Fiqaaduu akka ibsanitti, sirna soorataa sadarkaa maatii misooma aannanii, dammaa fi lukkuu irratti kan xiyyeeffatee fi wabii nyaataa mirkaneessuuf duulli waggoota afurii “Bu’aalee Misoomaa”, seektara beeyladaaf xiyyeeffannaa addaa mootummaan kenne kan argisisuudha jedhan.

Misoomni foon diimaa karoora waggoota 10 Ministeeraa Qonnaa keessaa tokko ta’uu eeruun, kunis dargaggoota fuuncaa sonaa foonii keessatti hirmaataniif carraa hojii uumuu fi alergii gama guddisuutiin tarsiimichi gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Dhuma bara baajata kanattis oomisha foon diimaa toonii miiliyoona 1.7 oliin ga’uuf horsiisee bultoota gadaanaa fi invastimantii damee dhuunfaa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni  mul’isa.

Ityoophiyaan addunyaarraa qabeenya beeyladaan sadarkaa 6ffaarraatti kan argamtu ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment