Tarsiimoon filannoo waltajjii dhaabbilee hawaasa siiviilii qophaa’aa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 4, 2012 (FBC) – Tarsiimoon filannoo waltajjii dhaabbilee hawaasa siiviilii qophaa’aa jira jedhame.

Filannoon dhuftu karaa demokraasawaa fi amanamaa ta’een akka xumuramu tarsiimoon waltajjii dhaabbilee hawaasa siiviilii qophaa’aa jira.

Hoggantuun Waajjira Waltajjii Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Ityoophiyaa aadde Bileen Asraat Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin akka beeksisanitti, filannoo dhuftu hordofuun akka danda’amuuf caasaan uumamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Waldaaleen siiviilii ga’eewwan addaddaarratti hirmaacha ajiraachuu beeksisaniiru.

Eegumsa mirga namoomaa, filannoo fi demokraasii cimsuurrattis hojjechuuf qophiitti jiraachuu ibsan.

Rakkoolee filannoo keessatti mudachuu malan hiikuurratti leenjiin kennamaa turuu beeksisaniiru.

Dhaabbileen 70 ol ta’an filannicharratti hojjechuuf fedhii agarsiisuu beeksisaniiru hoggantittiin.

Labsiin hawaasa siiviilii haaraan dhiyeenya ragga’uurraa kan ka’e haaraa kan makamanis ni jiraatun eegna jedhan.

Afawarq Alamuutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment