Tarminaallii fi bakki turtii tajaajilamtootaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa tajaajila ummataaf banaa ta’e

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC) – Tarminaallii Awutoobisii fi bakki turtii tajaajilamtootaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa tajaajila ummataaf banaa ta’uu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Tarminaalli Awutoobisii kun tajaajilamtoota Aduu fi Roobarraa baraaruu dabalataan nageenyummaan isaanii akka eegamu karra seensaa Kaameeraan iccitii hidhameef qabaachuu ibsameera.

Bakki turtii Adwaa kun Ummata Finfinnee bakki bashannaanaa waloo hangam akka isaaniin barbaachisu kan agarsiisuu fi fedhii ummataa kan mul’isu ta’uu eeraniiru.

Misoomni Koriidariis fedhii ummataa kana hubachuun bakkeewwan bashannanaa, Turtii fi Tarminaala Awutoobisii fi Taaksii, akkasumas Paarkiiwwan kan hammate ta’uu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment