Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti tarkaanfiin namoota Warqee seeraarn ala daddabarsanii fi oomishanirratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan ibsan.
Daddabarsaa fi oomisha Warqee seeraan alaa to’achuuf Koomaandi Poostiin hundaa’e Oomishtootaa fi Daddabarsitoota Warqee aanaa Sharqollee fi Magaalaa Asoosaatti argaman waliin mari’ataeera.
Maricharratti Pireezidaantii naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi qondaaltoota raayyaa ittisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon argamaniiru jedhame.
Mootummaan daddabarsitootaa fi Oomishtoota warqee seera qabeessa ta’an fayyadamoo taasiisuuf tarkaanfii jajjabeesuu hojiitti hiikuu eegaluu Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.
Daddabarsitoonnii fi Oomishtoonni Warqee naannicha keessa socho’n Warqee oomishan Baankii Biyyaalessaaf dhiyeessuun fayyadamuu akka ta’an waamicha dhiyeessaniiru.
Tarkaanfiin daddabarsitootaa fi Oomishtoota Warqee seeraan alaarratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu hubachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.