Tarkaanfiin harcaatoota garee ABUT irratti fudhatamu cimee itti fufa – Komishinii Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) –Duulli harcaatuuwwan garee ABUT adamsuun tarkaanfii irratti fudhachuu eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Komishiniin Poolisii Federaalaa haleellaa garichi lammiilee nagaa dhiyeessitoota deeggarsa namoomaarraatti raawwate ilaalchisee ibsa laateera.

Garichi Waxabajjii 17, 2013 guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 9:00 haleellaa dhiyeessitoota deeggarsa namoomarratti fudhateen lubbuu lammiilee nagaa galaafachuu komishinichi ibseera.

Miidhaa lammiilee nagaarraa qaqqabeef gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibseera.

Mootummaan dhiyeessitoota deeggarsa namoomaaf eeggumsa cimaa taasiisaa jiraachuu ibsichi kan kaase yoo ta’uu, dhaabbileen deeggartoota tokko tokko dhuunfaan socho’uu eegaluu isaaniin haleellaa garee shororkeessaa kanaaf saaxilamaa jirqachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa eereera.

Hawaasni addunyaa gochaa sukkanneessaa gareen kun dhala namaarraatti raawwataa jiru hubachuun qaamolee nageenyaa mootummaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka qaban hubachiiseera.

Yeroo itti dhaabbileen deeggartootaa nageenya isaaniif jecha qaamolee nageenyaa mootummaa waliin hojjechuu akka qaban yaadachiiseera.

Duulli harcaatuuwwan garee ABUT adamsuun tarkaanfii irratti fudhachuu eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Komishinichu beeksiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment