Tarkaanfiin garee finxaaleyyiirratti fudhatamaa jiru haala irra deebiin dandamachuu hin dandeenyeen xumuramuu qaba jedhame

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Tarkaanfiin farreen jijjiirramaa garee juuntarratti fudhatamaa jiru haala irra deebiin dandamachuu hin dandeenyeen xumuramuu akka qabu dhalattoonni naannoo Tigraay naannoo Sidaamaa keessa jiraatan ibsan.
 
Bulchiinsi magaalaa Hawaasaa dhalattoota naannoo Tigraay waliin dhimmoota waqtaawaa fi biyyaalessarratti marii taasiiseera.
 
Sababa garee finxaaleyyii kanneeniin ummanni Tigraay rakkoo olaanaaf saaxilamuu itti aanaan kaantibaa magaalaa Hawaasaa obbo Tsaggaayeen ibsaniiru.
 
Yaa ta’uutii ummanni yeroo murteessatti wareegama barbaachisaa ta’e kaffaleera jedhan.
 
Hogganaa olaanaan Paartii Badhaadhinaa naannoo Tigraay Dooktar Hadigoo Kiroos gama isaan sababa garee finxaaleyyii muraasan ummanni Tigraay rakkoo olaanaaf saaxilameera jedhan.
 
Ummanni Tigraayii fi gareen ABUT tokkoo miti kan jedhan Dooktar Hadigoon ummanni Tigraay cunqursitoota buqqisuuf qabsaa’uu kaasaniiru.
Dhalattoonni naannoo Tigraay waltajicharratti hirmaatan gochaa qaanessaa garee finxaaleyyii balaaleffachuun ummanni Tigraay baroota dheeraaf cunqurfamaa turuu dubbataniiru.
 
Dhalattoonni kunneen iddoo jiraatanitti mirgi isaanii kabajamee gammachuun kan jiraatan ta’uu eeruu isaanii ragaan buchiinsa magaalaa Hawaasarraa argame ni muul’isa.
 
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment