Tarkaanfiin fudhatame kutannoo mootummaan marii biyyaalessaa hunda hammataa gochuuf qabu akeeka – Paartiilee morkattootaa

Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Tarkaanfiin fudhatame kutannoo mootummaan marii biyyaalessaa hunda hammataa gochuuf qabu kan akeeku ta’uu Paartiileen morkattootaa ibsan.

Tokkummaa biyyaa cimsuufis ta’e nageenya waaraa biyyattiiti mirkaneessuuf marii biyyaalessaa hunda hirmaachise gaggeessuun waliigaltee dhugaatiif murteessaa ta’uu paartiileen morkattootaa ibsaniiru.

Tarkaanfiin mootummaan himata hoggantootaa fi miseensota paartiilee siyaasaa addaan kutuurratti fudhate kutannoo marii biyyaalessaa hunda hammataa gaggeessuuf qabu kan  akeeku ta’uu Miseensa koree hojii raawwachiistuu fi Ittigaafatamaan Waajira Paartii Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO) Obbo Xurunaa Gamtaa ibsaniiru.

Mootummaan himata hoggantootaa fi miseensota paartiilee siyaasaa addaan kutuun nageenya waaraa mirkaneessuu fi biyya mariidhaan ijaaruu keessatti bu’uura ta’uus himaniiru.

Paartiin isaanii marichaaf yaada dimokraasii fi tokkummaa qabatee akka hirmaatu ibsaniiru.

Paartiileen morkattootaa karaa nagaatiinis ta’e murnoonni hidhatanii socho’an rakkoolee gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan jiran hubatanii gara bal’ina guddaan, diina walgodhachuu dhiisanii biyya  ijaaruu fi balaarraa oolchuuf marii dhugaa gaggeessuun barbaachisa ta’uu eeraniiru.

Dubbii himaan Adda Bilisummaa Oromoo obbo Toleeraa Adabaa gamasaaniin, mariin biyyaalessaa tokkummaa biyyaa cimsuun gaaffiilee gareewwan garaagaraa qabaniif deebii argamsiisuu cinaatti biyyattiitti nageenya waaraa ni mirkaneessa jedhanii akka abdatan kaasaniiru.

Maricha booda namuu nageenyaa fi misooma biyyaatiif hojjeta jedhamee akka yaadamus dubbataniiru.

Himanni hoggantootaa fi miseensota siyaasaa addaan cituun kan deeggaramuu fi marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu keessatti lammiileen hundi qaama bakka na bu’a jedhuun akka bakka buufamaniif gahee olaanaa qabaachuu Paartiin Bilisummaa fi Walqixxummaa ibseera.

mootummaan waltajjii marii biyyaalessaa taasisuuf karoorfatee hojiitti seenuunsaa gammachiisaa fi tumsa nama hundaa kan gaafatu ta’uu dura taa’aan paartii ‘’EZEMA’’ Obbo Yashiiwaas Asaffaa himaniiru.

Marichi Itoophiyaa gara boqonnaa murteessootti ceesisuu fi rakkoolee waldhabdee siyaasaa turan hiikuuf gahee olaanaa qabaachuus ibsaniiru.

Maddi DhPI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment