Tarkaanfiin Daldaltoota seeran ala daballii gatii taasisanii fi Meeshaalee dhoksanirratti fudhatamu cimee itti fufeera – MDWHN

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC) – Tarkaanfiin Daldaltoota seeran ala daballii gatii taasisanii fi Meeshaalee dhoksanirratti fudhatamu cimee itti fufuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibseera.

Guyyaa Kaleessaa qofa Dhaabbileen Daldalaa seeraan ala daballii gatii taasiisanii argaman 217 saamsamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen himaniiru.

Eeyyamni dhaabbilee Daldalaa 4 haqamuus eeraniiru.

Gama biroon dhaabbileen daldalaa seera cabsuun isaanii mirkanaa’ee saamsaman keessa, dhaabbileen kumni 27 fi 78 bu’uura seeraatiin hojjechuuf erga waliigalanii booda banamuun hojii eegalaniiru jedhan.

Daldaltoota Addabbiin hidhaa itti murtaa’e 430 keessaa 122 hojii isaaniin gaabbuun of sirreessuuf qophii ta’uu isaaniin hidhaarraa hiikamuu dubbataniiru.

Dhaabbileen daldlaa meeshaalee Ijaarsarratti daballii gatii hin malle taasiisan 217 saamsamuus himaniiru.

Kan dhaabbata tokkoo ammoo eeyyamni daldalaa guutummaatti haqamuu Dooktar Kaasahuun eeraniiru.

Dhaabbileen seeraan ala meeshaalee kuusan 8 saamsamuu fi 3 ammoo eeyyamni isaanii haqamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment