Tarkaanfii seera kabachiisuuf mootummaan garee badii ABUT irratti fudhachaa jiru ni deeggarra jedhan jiraattonni magaalaa Amboo

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) –  Tarkaanfii seera kabachiisuuf mootummaan garee badii ABUT irratti fudhachaa jiru ni deeggarra jedhan jiraattonni magaalaa Amboo.
 
Jiraattonni magaalichaa hiriira bahaniin tarkaanfii seera kabachiisuuf raayyaan ittisa biyyaa garicharratti fudhachaa jiru ni deeggarra jedhaniiru.
 
Murni badichaa gochaan raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaarratti raawwate hammeenyummaadha jedhan.
 
Murnicha seeratti dhiyeessuuf tarkaanfii fudhatamu ni deeggarras jedhaniiru.
 
Deeggarsa barbaachisaa kan taasisan ta’uus ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Comments (0)
Add Comment