Tarkaanfii raayyichi fudhachaa jiruun nageenyi mirkanaa’aa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Tarkaanfii Raayyaan Ittisaa Godinaalee garaagaraatti fudhachaa jiruun nageenyi mirkanaa’aa jiraachuu ibsameera.

Finxaaleyyii seeraan ala gurmaa’uun dhaabbilee mootummaa fi ummataa barbadeessuu fi saamaa jiranirratti Tarkaanfii fudhatameen baatii muraasa keessatti nageenya buusuun danda’amuu ajajaan Ajajichaa Meejar Jeneraal Birhaanuu Xilahuun ibsaniiru.

Ajajichi Bulchitoota Godinaalee, Kantibaawwan,itti gaafatamtoota Biiroo Nageenyaa fi qondaaltoota waraanaa olaanoo waliin mari’ateera.

Farreen nageenyaa kunneen haala ture fayyadamuun badiilee garaagaraa ummatarratti raawwachaa turuu Meejar Jeneraal Birhaanuun ibsaniiru.

Tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan fudhataniin humnoonni kunneen sadarkaa sodaa nageenyaa hin taanerra ga’uu eeraniiru.

Humnoonni kunneen humna qaamolee nageenyaa ol hin turre kan jedhan hirmaattoonni marichaa, rakkoo guddaan qaamaa keessa taa’ee farreen nageenyaaf hojjeturratti tarkaanfii fudhachuu dhabuu dubbataniiru.

Yeroo itti aanu qaamolee kanneen adda baasuun tarkaanfiin irratti fudhachuun nageenya waaraa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu ibsamuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment