Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC)-Murnoota nageenya naannichaa booressuu fi dararaa itti fufan irratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nagaa ummataa waaressuu yeroo kamuu caalaa cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan hubachiisan.
Pireezidaantii Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin sirna kabajaa Waggaa 5ffaa hundeeffamaa Paartii Badhaadhina Sadarkaa Oromiyaa Magalaa Naqamteetti kabajamerratti hirmaachuu ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.
Guutuun erga isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Har’a magaalaa seena qabeettii, faaya Dhiha Oromiyaa, Magaalaa Naqamteetti argamuun hundeeffama waggaa 5ffaa paartii keenya Paartii Badhaadhinaa yemmuu kabajnu gatii qaalii, humna jabaafi deeggarsa hinreeqqifne ummata keenya biraa arganne yaadachaafi galateeffachaati.
Paartiin Badhaadhinaa jalqaba irraa kaasee qormaata hedduu irra aanuun imala jijjiiramaa ariifataa taasisee, yaada irraa gara sochii qabatamaatti akka ce’u gaheen ummata keenyaa kan bakka hinbu’amne ture.
Gama birootin deeggarsaafi eegumsa ummata keenyaa ammanaa argachuu keessatti bu’uurummaa gaaffilee ijoo ummataa kanniin akka misooma dinagdee, hawaasummaa, ijaarsa dhaabbilee, ijaarsa sirnaafi siyaasaatiin dhaabbachuun murteessaa ture. Paartiin keenya maraamartoo kufaatii qabsoon ummata Oromoofi Itiyoophiyaa gama hoggansaatin keessa tures deebiseera.
Hoggansa fakkeenyummaa Pirezidaantii Paartii keenyaa Abiyyi Ahimad (PhD) jalatti, siyaasa aadaa qoqqoodinsaa, shiraafi wal-ajjechaa irraa gara saayinsii, dandeettifi yaadatti jijjiireera.
Kanaanis, aantummaa ummata Oromoo tarkaanfachiisuu qofa osoo hintaane, hawwiilee garagaraa sabootafi sablammoota Itiyoophiyaa waliin walsimsiisuu kan danda’eefi milkaa’inoota hundagaleessa hedduu beekamtii idil-addunyaa argatanis dhugoomsera.
Haata’u malee, humnoonni adeemsa jijjiiramaa kana dhiibun, tapha maraammartoo siyaasaa amaleeffataniifi baroota dheeraaf ummata keenya raasaa turetti deebi’an milkaa’inoota keenya hanga deemuu qabu akka hingeenye takalaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa rakkoo nageenyaa sababa kanaan naannoo keenya muudatee fi gaaga’ama hamaa humnoota badii kanaan ummata keenya muudatetti hedduu gadda.
Paartiin keenya waldhabdeen jiru karaa marii nagaa akka fala argatu fageenya deemuu qabuu ol tarkaanfachuun yaalii walirraa hincinne taasisaa tureera.
Har’as, humnoota siyaasa falmii yaadaa tuffachuun hidhatanii gama hundaan ummata dararaa jiran waliin garaagarummaa jiru karaa marii nagaa hiikuf qophii ta’uu qaama hundaaf irra deebiin mirkaneessaa, murnoota carraa kana dhiibun, nageenya naannichaa booressuufi dararuu itti fufan irratti, tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisufi nagaa ummataa waaressuu yeroo kamuu caalaa cimsee kan itti fufu ta’uu cimsee hubachiisun barbaada.
Ummata keenya jalqabaa hanga har’aatti Paartiifi Mootummaa isaa gama hundaan deeggaree asiin gahe, akkasumas ummata Lixa Oromiyaa, keessattuu jiraattota magaalaa Naqamtee, simannaa ho’aa kabaja ayyaana seena qabeessa kana irratti nuuf taasistaniif maqaa kiyyaa, maqaa Paartii keessan, Paartii Badhaadhinaafi maqaa Mootummaa Keessan, Mootummaa Naannoo Oromiyaatin ulfaadhaa jechuun barbaada.
Dhumarrattis, ummanni Naannoo Oromiyaa akkuma deeggarsi keessan walirraa hincinne asin nugahe, galma naannoofi biyya nagaa, misooma waloofi badhaadhina hundagaleessa milkeessuu keessatti akka nuwaliin dhaabbattan cimsee waamicha dhiyeessuun barbaada.
#Oromia #Ethiopia