Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT adda waraanaa hundatti harka kennachaafi bittinnaa’aa jiraachuu Raayyaan Ittisa Biyyaa ibse.
Tarkaanfii cimaafi saffisaa raayyichi fudhateen hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT bittinnaa’uu kan carrooman ammoo harka kennachuu eerameera.
Miseensonni garichaa bittinnaa’aniifi kiyyoo garee shororkeessaa ABUT jalaa bahuu barbaadan naannichatti bakkeewwan Raayyaan Ittisa Biyyaa to’ateefi gara naannolee olla deemuun karaa nagaan harka isaanii akka laatan raayyichi waamicha dhiyeesseera.
Hidhattoota garichaa karaa nagaan harka isaanii kennaniif kunuunsi barbaachisaan akka taasifamuuf qajeelfamni darbuu ibsameera.
Ummanni naannolee ollaafi bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa ba’anitti argaman hidhattoota garichaa karaa nagaan harka isaanii kennatan simachuuniifi kunuunsuun Raayyaa Ittisa Biyyaaf dabarsee akka laatu Raayyaan Ittisa Biyyaa ergaasaa dabarseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.