Tarkaaffiin Raayyaan Ittisa Biyyaa garee ABUT irratti fudhataa jiru sirrii ta’uu paartiileen markattootaa ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Paartiileen morkattootaa naannoo Soomaalee tarkaaffiin Raayyaan Ittisa Biyyaa garee Finxaaleeyyii ABUT irratti fudhataa jiru sirrii ta’uu ibsan.
 
Paartiileen morkattootaa naannoo Soomaalee keessa socho’an haala yeroo ilaalchisee magaalaa Jiigjigaatti marii gaggeessaniiru.
 
Marii kanarratti paartiin Badhaadhinaa, Addi Bilisa Baasaa Biyyaaleessa Ogaadeen, paartiin Federaalistii Soomaalee, paartiin Duuboonaa Dignoo, paartiin Demookraatawaa Lixa Soomaalee fi paartiin Tokkummaa fi Bilisummaa hirmaataniiru.
 
Paartiileen kunneen marii gaggeessaniin ibsa ejjannoo abbaa qabxii 4 baasaniiru.
 
Haleellaan gareen ABUT raayyaa ittisa biyyarratti raawwate qaaneessaa fi daraan balaaleefatamuu kan qabuu fi waan akka salphaatti ilaallamuu hin qabne ta’uu ibsaniiru.
 
Mootummaan federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii garee finxaaleeyyii fi gantuu ABUT irratti fudhataa jiru kan deeggaran ta’uu ibsuun, mootummaan federaalaa bulchiinsa ABUT shiraan guuttame yeroo dhumaaf dhabamsiisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Paartiileen Siyaasaa nagaa fi tasgabbiin hawaasa akka eeggamu mootummaa fi qaamoolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisa akka taasiisan gaafataniiru.
 
Paartiileen kunneen ibsa isaaniin ummanni naannoo Soomaalee sabaa fi sablammoota biroo waliin jaalalaan, nagaa fi tokkummaan jiraachurra darbee hariiroo waloo cimsuu akka qaban waamicha taasiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment