Taphoota waancaa Afrikaa har’a gaggeeffameen Maalaawwii fi Moorokoon morkattoota isaanii injifatan

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Taphoota waancaa Afrikaa 33ffaa galgala har’aa gaggeeffameen Maalaawwii fi Moorokoon morkattoota isaanii yoo injifatan, Seeneegaala Giinii waliin qixa baate.

Moorokoon Koomoroos 2 fi 0n, Maalaawwiin Zumbaabuwee 2 fi 1n yoo injifatan Seeneegaalaa Giinii waliin goolii malee qixa xumurteerti.

Tapha Seeneegaalii fi Giinii gidduutti taphatame Abbaan murteessummaa idil addunyaa Be’amlaak Tasammaa Wayyeessan abbaa murteessummaa olaanaa ta’uun taphachiisaniiru.

Moorokoon qabxii 6n ramaddii ishee dursaa jirti.

Biyyi Kaabaa Afrikaa Moorokoon tapha marsaa jalqabaan Gaanaa goolii 1 fi 0n injifachuun kan yaadatamuudha.

Taphni galgala kana sa’aatii 4:00 irraa eegalee Gaaboonii fi Gaanaa gedduutti gaggeeffamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment