Taphoota Priimiyar Liigii Ityoophiyaa marsaa 2ffaa torbee jalqabaan Magaalaan Adaamaa injifatame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Taphoota Priimiyar Liigii Ityoophiyaa marsaa 2ffaa torbee jalqabaan Adaamaan Faasiliin 1fi 0n injifatameera.
Taphoota Priimiyar Liigiichaa marsaa 2ffaa torbee jalqabaan har’a taphoonni lama gaggeeffamaniiru.
 
Tapha Istaadiyeemii idila addunyaa magaalaa Bahaar Daaritti Magaalaa Faasilii fi Adaamaa gidduutti taphatameen Faasil 1 fi 0n Adaamaa injifateera.
 
Oduma walfakkaatuun Istaaadiyeemii magaalaa Finfinneetti Sihuul Shiree kan simate Bunni Ityoophiyaa 6 fi 1n injifateera.
Faasil qabxii 29 liigicha dursuu eegaleera.
Booru ammoo Qidduus Giyoorgiis – magaalaa Walqixxee ,
Walwaaloo Aaddagiraat – magaalaa Sabbataa,
Bunni Sidaamaa – Walaayitaa Diichaa,
Hadiyyaa Hoosaa’inaan – Maqalee 70 Indartaa,
Baahir Daar – Jimmaa Abbaa Jifaar,
Dirree Dawaan – Hawaasaa waliin ni taphatu jedhameera.
Comments (0)
Add Comment