Taphoota Priimeyar Liigii Ityophiyaa torbee 13ffaan kilaboonni Oromiyaa injifataman

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Taphoota Priimeyar Liigii Ityophiyaa torbee 13ffaa har’a gaggeeffameen kilaboonni Oromiyaa injifatamaniiru.
 
Taphoota Priimeyar liigichaa guyyaa har’aa sa’aatii 9:00 eegalee gaggeeffameen Jimmaa Abbaa Jifaar gara Magaalaa Hawaasaa imaluun 1-0 yoo injifatamu, magaalaan Sabbataa ammoo Bahaar Daariin 3-2n injifatameera.
 
Taphoota biroo sa’aatii walfakkaatu keessatti gaggeeffameen
Walwaloo Aaddagiraat 2-4 Quuddis Giyoorgis
Magaalaan Dirree Daawaa 1-1 sihuul shiree.
 
Guyyaa kaleessaa Faasil Maqalee 70 Indartaa 2-0 injifateera.
 
Taphoonni qixxeessituun torbee 13ffaan Priimeyar liigichaa guyyaa booruu kan itti fufu yoo tau,
Bunni Sidaamaa sa’aatii 9:00 irratti magaalaa Adaamaa ni simata.
 
Liigicha Qidduus Giyoorgis qabxii 26 dursaa jira.
 
Comments (0)
Add Comment