Taphoota Priimeyar Liigii Ingilaand torbee 2ffaan Liivar Puul,Astoon Villaa fi  Maanchiisteer Siitiin morkattoota isaaniin injifatan

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Taphoota Priimeyar Liigii Ingilaand torbee 2ffaa har’a waaree booda gaggeeffameen  Liivar Puul, Astoon Villaa fi  Maanchiisteer Siitiin morkattoota isaaniin injifataniiru.

Liivar Puul goolii 2 fi 0n Barnileey, Astoon Viillaan goolii 2 fi 0n Niwuukaastiil Yuunaayitiid yoo injifatan Maanchiisteer Siitii goolii 5 fi 0n Noorwich Siitii injifateera.

Liidis Yuunaayitiid fi Eevartan goolii 2 qixa, Kiristaal Paalaas Breentfoord  goolii malee qixa ba’aniiru.

Boru taphni Arsenaalii fi Cheelsii gidduutti sa’aatii 12:30 irraa eegalee  taphatamu si’oomina olaanaan eeggamaa jira.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment