Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee xumuraa hawwiin eegaman

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2023/24 boru xumura argata.
Boru waaree booda sa’aatii 12:00 irraa jalqabee taphoonni 10 sa’aatii walfakkaatuutti ni taphatamu.
Taphni Arsenaala Eevartan, Maanchiister Siitiin Weest Haam waliin taasiisan hawwiin eegama.
Waancaan liigicha osoo abbaa hin argatin tapha torbee 38ffaa qaqqabeera.
Boru Maanchiister Siitiin falmii Weest Haam waliin taasiisu injifannaan Shaampiyoonaa liigichaa ta’a.
Arsenaal Eevartan yoo injifatellee, Siitiin qixa yoo bahe yookaa yoo injifatame malee carraa shaampiyoonaa ta’uu hin argatu.
Arsenaalii fi Eevartan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 208 keessaa Arsenaal yeroo 104 yoo injifatu, Eevartan si’a 61 inijifachuun yeroo 43 ammoo qabxii qooddataniiru.
Maanchiisteer Siitii fi Weest Haam Yuunaayitiid taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 110 keessaa Siitiin yeroo 58 yoo injifatu, Weest Haam si’a 33 injifachuun yeroo 19 ammoo qabxii qooddataniiru.
Hirmaannaa Liigii Awurooppaa argachuuf taphni Cheelsiin Boornimaawuuz waliin taasiisuus xiyyeeffannoo argateera.
Luutan Taawoon, Barnileeyii fi Sheefiilf Yuunaayitiid gara shaampiyoons Shiippitti gadi bu’uun isaanii taphoota xumuraa kanneen dursee mirkanaa’eera.
Comments (0)
Add Comment