Taphoota Piriimeer Ingilaandi torbee 9ffaan taphni Arsenaal Liivarpuul,Cheelsiin ammoo Niwuukaasiil waliin taasiisu ni eegama

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 9ffaan tapha har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Leesister Siitiin Nootiingihaam Foresti waliin taphatuun eegalama.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 irraa eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’uu, Astoon Viillaan – Boornimaawuuz, Bireentifoord – Ipsiwiich Taawoon, Biraayitan – Woolviis fi Maanchiister Siitiin – Saawuuz Hampiton waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Eevartan Fuulhaam keessummeessa.
Akkasumas Dilbata sa’aatii 11:00 eegalee Cheelsiin – Niwuukaasiil waliin falmiin taasiisu ni eegama.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Kiristaal Paalaas – Tootenhaam, Weesti Haam – Maanchiister Yuunaayitiid waliin morkiin taasiisan xiyyeeffannoo argateera.

Galgala sa’aatii 1:30 eegalee taphni Arsenaal – Liivarpuul keessummeessu tapha hawwiin eegamuudha.

Kilaboonni lamaan taphoota 208 waliin taphatan keessaa Liivarpuul yeroo 78 yoo injifatu, Arsenaal si’a 71 injifachuun, taphoota 59 ammoo qixaan xumuraniiru.

Maddi:- BBC sport

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment