Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 3ffaan Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 3ffaa har’a sa’aatii 4:00 irraa eegaluun gaggeeffameen Jimmaa Abbaa Jifaar magaalaa Faasiliin injifatameera.

 

Tapha har’a Istaadiyeemii Hawaasatti gaggeeffameen Kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar magaalaa Faasiliin garaagarummaa hedduun  injifatameera.

Jimmaa Abbaa Jifaar 1- 4 Magaalaan Faasiil

Tapha boqonnaa duraan Amsaaluu Xilahuun daqiiqaa 38ffarratti goolii tokko, Mujiib Qaasiim daqiiqaa41 ffaarratti goolii tokko,boqonnaa booda Saamu’eel Yohaannis daqiiqaa 78ffaarratti goolii tokko, Shimakkat Gugsaa daqiiqaa 88ffaarratti goolii tokko magaalaa Faasiliif galchaniiru.

Bizuuyyoo Indashaw goolii moo’atamuu jalaa hin baraarre daqiiqaa 80ffarratti Jimmaa Abbaa Jifaari goolii tokko galcheera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment