Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 11ffaan Sabbataan yoo injifatu, Jimmaa Abbaa Jifaar qixa ba’e

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) –Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 11ffaa har’a gaggeeffameen Sabbataan Adaamaa yoo injifatu, Jimmaa Abbaa Jifaar Bahaar Daar waliin qixa ba’eera.
Taphni har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Magaalaan Bahaar Daar giddutti taphatame goolii lama qixa xumurameera.
Tapha waaree booda sa’aatii 9:00 irraa eegalee Magaalaa Sabbataa fi Adaamaa gidduutti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti taphatameen Sabbataan goolii 1 fi 0n Adaamaa injifateera.
Daawiit Isxifaanoos daqiiqaa 78ffaarratti Sabbataan goolii qabxii 3 ittiin argate galcheera.
Liigicha kilabiin magaalaa Faasiil qabxii 22 yoo dursu, Bunni Ityoophiyaa qabxii 20niin sadarkaa 2ffaarrattin argama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment