Taphoonni Waancaa Awurooppaa 17ffaan Istaadiyeemoota 10 keessatti taphatamu

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Taphoonni Waancaa Awurooppaa 17ffaan qopheessummaan Jarmaniin gaggeeffamu Istaadiyeemoota 10 keessatti taphatamu.

Taphoonni Waancaa Awurooppaa 2024 kun har’a Waxabajjii 7, 2016 hanga Adoolessa 7, 2016tti taphatama.

Taphni baniinsaa har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee Jarmaniifi Iskootilaandi gidduutti Istaadiyeemii Aliyaanz Areenaatti taphatama.

Biyyoonni Awurooppaa 24 magaaloota Jarman 10 keessatti falmiin taasiisan hawwiin eegama.

Istaadiyeemiin Ooliimpiik Barliin, Reen’iinarjii, Aliiyaanz Areenaa, Firaankifarti Areenaa, Siignaal Aduunaa Paarki, Voolk Ispaark, Laayipziig, Areenaa Afishaaliik, Istuutgaarti Areenaa fi Duuseeldoorif Areenaan Istaadiyeemiiwwan taphoota Waancaa Awurooppaa 17ffaa kana keessummeessan ta’uu eerameera.

Jarman, Ingilizii fi Faransaay dorgommii kana injifachuu malu jedhamanii tilmaama jalqabaa kanneen argataniidha.

Joorjiyaa, Albaaniyaa, Islooveeniyaa fi Isloovaakiyaan ammoo biyyoota tilmaamni xiqqaan kennameef ta’uu himameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment