Taphoonni Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa torbee 3ffaa har’a ni gaggeeffama

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa torbee 3ffaan har’a galgala ni gaggeeffamu.

Tapha kanaan Riyaal Maadiyriid Doortimandi waliin morkiin taasisu kan eegamuudha.

Galgala sa’aatii 1:45 irraa eegalee Essimiilaan Biruuzh waliin, Moonaakoon Reed Istaar Beelgirees waliin ni taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Arsenaal Shaaktar Dooneeski waliin, Astoonviilaan Bolonyaa waliin, Zhiroonaan Isloovaan Biraatiislaava akkasumas Juuveentus Istuut Gaarti waliin ni morkatu.

Dabalataan, PSG’n PSV waliin, Istuurmi Giraaz Ispoortiingi Liizban waliin sa’aatii walfakkaataatti kan taphatan ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment