Taphoonni priimeyar Liigii Ingilaanda marsaa 8ffaan har’aa eegaluun ni gaggeeffamu

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Taphoonni priimeyar Liigii Ingilaanda marsaa 8ffaan tapha har’a waaree booda Eevartanii fi Maanchiisteera Yuunaayitiid gidduutti gaggeeffamuun ni eegalama.
 
Har’a sa’aatii 9:30 irraa eegalee Eevartan dirree isaarratti Maanchiister Yuunaayitiid ni keessummeessa.
 
Cheelsiin ammoo galagala sa’aatii 2:30 irree eegalee dirree isaarratti Sheefiild Yuunaayitiide waliin ni morkata.
 
Boruu ammoo taphni cimaan liigichaa Maanchiisteer Siitii fi Liivar Puul gidduutti galgala sa’aatii 1:30 irraa eegalee gaggeeffamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
 
Liigicha Saawuzhamtoon qabxii 16 yoo dursu, Liivar Puul gooliin caallamee qabxii 16 sadarkaa 2ffaa, Leesiister Siitiin qabxii 15niin sadarkaa 3ffaa irratti argamu.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment