Taphoonni Priimeyar Liigii Ingilaand torbee 5ffaan booruu eegaluun ni taphatamu

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Taphoonni Priimeyar Liigii Ingilaand torbee 5ffaan booruu eegaluun hanga Wiixatatti ni taphatamu.
 
Taphoota torbee kanaan Booruu sa’aatii 8:30 Eevartan Liivar Puul kan keessummeessu yoo ta’u, Cheelsiin sa’aatii 11:00 irratti Saawuzhampitan ni keessummeessa.
 
Galgala sa’aatii 1:30 irratti taphni Maanchiister Siitii fi Arseenaal gidduutti gaggeeffamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
 
Maanchiisteer Yuunaayitiid ammoo sa’aa 4:00 irratti Niiwu Kaastiil Yuunaayitiid waliin ni falmata.
Priimeyar liigichi Dilbatas kan itti fufu yoo ta’u,
Sheefiild Yuunaayitiid – Fuulahaam
Kiristaal Paalaas – Braayitan
Tootanihaam – Weest Haam Yuunaayitiid
Leesiister Siitiin – Astoon Viillaa waliin ni taphatu.
 
Wiixatas taphoonni lama ni gaggeeffamu.
 
Maddi:-BBC SPORT
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment