Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 4ffaan boru eegalee taphatama

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 4ffaan boruu eegalee hanga Kibxataatti Istaadiyeemii Dirre Dhawaatti ni taphatama.
Taphoonni torbee 4ffaa bara 2017 kun tapha boru waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Hadiyyaa Hoosaa’inaan Magaalaa Hawaasaa waliin taphatuun kan jalqabu yoo ta’u, galgala sa’aatii 1:00 jalqabee Maqalee 70 Indaartaan Machaal waliin falmata.
Dilbata waaree booda sa’aatii 10:00 Sihuul Shireen Dirre Dhawaa waliin, galgala sa’aatii 1:00 irraa jalqabee Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Qidduus Giyoorgis waliin ni taphatu.
Comments (0)
Add Comment