Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2024/25 har’a eegala

Finfinnee, Hagayya 10, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi bara taphaa 2024/25 torbeen jalqabaa har’a eegaluun hanga Wiixataatti taphatama.
Taphoota torbee jalqabaan taphni Cheelsiin Dilbata galgala sa’aatii 12:30 eegalee Maanchister Siitii keessummeessu tapha hawwiin eegamu jedhamera.
Taphni torbee jalqabaa Piriimeer Liigichaa kun tapha har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Maanchiister Yuunaayitiid, Fuulhaam waliin taphatuun eegalama.
Boru waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Ipiswiich Taawoon -Liiverpuul waliin yoo taphatu, sa’aatii 11:00 eegalee Arsenaal -Wolviis, Eevarton – Biraayitan, Niwuukaastiil Yuunaayitiid – Saawuzhampitan fi Nootiingahaam Forest – Boornimaawuz waliin morkatu.
Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Weest haam – Astoon Viilaa waliin taphata.
Maddi:- BBC Sport
Comments (0)
Add Comment