Taphoonni Beetkiing Ityoophiyaa bara 2015 Fulbaana 20 ni eegala

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Taphoonni Beetkiing Piriimayeer Liigii Ityoophiyaa bara 2015 Fulbaana 20 ni eegala jedhame.
Sagantaan taphoota Beetkiingii Ityoophiyaa kun gabatee CAF fi FIFA bu’uura godhachuun kan qopha’ee ta’uu ibsameera.
Haaluma kanaan Fulbaana 20, 2015 eegaluun taphoonni torbee 1ffaa hanga torbee 5ffaa Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti kan gaggeeffamu yoo ta’uu, torbee 6ffaa hanga 10ffaatti ammoo Dirree Dawaatti taphatama jedhame.
Taphoonni torbee 11ffaa hanga torbee 15ffaan Magaalaa Adaamaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaattin kan taphatamu ta’uu beekkameera.
Sagantaan taphoota Marsaa 2ffaa haala Istaadiyeemiwwanii gamaaggamuun kilabootaaf kan ifoomu ta’uu ragaan Liigicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment