Taphataan Kubbaa Miilaa Shimallis Baqqalaan garee biyyaalessaa keessaa of baase

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Taphataan Sarara Fuulduraa Shimallis Baqqalaan tajaajila waggoota 15 booda Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessaa of baasuu ifoomse.

Taphataan sarara fuulduraa kunis tapha kubbaa miilaa Magaalaa Hawasaatti kan eegalee yoo ta’u, Kilaba Kubbaa Miilaa Qiddus Giyoorgisitti turtii taasiseera.

Biyyaa alaattis kilaba Alitahaadii Liibiyaa fi Almeeriik Sudaaniif taphachuun kan yaadatamuudha.

Akkasumaas Ijibtitti kilaba Peetiroojekti, Algunaa, Masrii Alamakaasaa fi NPPI’f taphateera.

Biyyaa alaatti turtii waggoota 10 booda gara biyya isaatti deebi’uun Kilaba Machaalitti kan makame Shimallis, waggoota 15’f kan taphateef garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessaa of baasuu beeksiseera.

Taphataa Shimallisa Baqqalaan garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf taphoota 83 taphachuun galchiiwwan 16 kan lakkoofsise yoo ta’u, kubbaawwan galchiif ta’an 13 mijeessuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment