Tapha Waancaa Awurooppaan Cheek Rippaabliik Iskootlaandi injifatte

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Tapha Waancaa Awurooppaa har’a waaree boodaa Iskootlaandii fi Cheek Rippaabliik gidduutti gaggeeffameen Cheek Rippaabliik goolii 2 fi 0n injifatteerti.
Schiik daqiiqaa 42ffaa fi 52ffaarratti goolii 2 Cheek Rippaabliikiif galcheera.
Galgala kana sa’aatii 1:00 irraa eegalee Poolaandi Isloovaakiyaa waliin walfamatu jedhame.
Taphni galgala har’aa sa’aatii 4:00 irraa eegaluun Ispeenii fi Siwiidiin gidduutti gaggeeffamu si’oominaan eeggamaa jiraachuu ibsameera.
Oduu biroon tapha Waancaa Kooppaa Ameerikaan Kolombiyaan Ikkuwaadoor gooli 1 fi 0n injifatteerti.
Taphni galgala har’aa sa’aatii 6:00 eegalee Arjentiinaa fi Chiilii gidduutti gaggeeffamu xiyyeefannoo olaanaa argateera.
Maddi: BBC Ispoort
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment