Tapha torbee 5ffaa Liigii Olaanoo Oromiyaan Leeqaa fi Dambi Doolloon qixa ba’an

Finfinnee, Mudde 29, 2016 (FBC)-Taphni Cimaa Torbee 5ffaa Liigii Olaanoo Oromiyaa Ramaddii ‘A’ Istaadiyeemii Wallaggaatti kilaba Leeqaa fi Dambi Doolloo Gidduutti gaggeeffame galchii qixa xumurame.

Istaadiyeemiin Wallaggaatti tapha liigichaaf gaggeeffamaa jiruun guyyaa har’aa taphoonni morkii cimaan irratti mul’atan gaggeeffamaniiru.

Haaluma kanaan tapha liigichaan kilaboota qabxiidhaan sadarkaa 3ffaa fi 5ffarratti argaam Kilabaa Leeqaa fi Dambi Doolloon walitti dhufuun qixa 2 fi 2’n xumuraniiru.

Akkasumaas Bulchiinsi Magaalaa Gimbii tapha isaa 5ffaa B/Magaalaa Hurrumuu Waliin taphachuun Gimbiin 5 fi 3’n injifachuu danda’eera.

Gabatee Liigichaan Sadarkaa 2ffaa irratti kan argamu Bulchiinsi Magaalaa Giinci 1 fi 0’n Kilaba Magaalaa Gullisoo injifateera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment