Tapha Maanchiisteer Yuunaayitiidii fi Liivar Puul har’aa

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Taphni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 3ffaa Maanchiisteer Yunaayitidii fi Liivar Puul gidduutti har’a halkan sa’atii 4:00’tti taasifamu si’oomiinaan eegama.

Tapha Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 3ffaatiin kilaboota masaanuu Kaaba Lixa Ingiliiz darbiin Laankishaayerootaa, kilabni Marsiisaayid Liivar Puul dirree isaa ala imaluun morkata.

Kilabootni lachuu maqaaf dhageettii guddaa kan qaban bara Faranjootaa Eebila 28,1894 eegalee kan wal argan taphoota 199 taasisuun yeroo 81 Maanchiisteer yoo injifatu, Liivar Puul ammoo yeroo 70 injifateera.

Yeroo 58 qabxii qooddataniiru.

Taphoota 60 dhiyeenya taasisaniin yeroo 28 Maanchister yoo injifatu, Liivar Puu yeroo 18 injifateera
Yeroo 14 ammoo qabxii qooddatanii jaarsummaan gargar deebi’aniiru.

Inglaandi keessatti waancaa Piriimaayeer Liigii yeroo 20 Maanchiisteer yoo fudhatu, yeroo 19 ammoo Liverpuul fudhachuun seenaa jabaa qabu.

Bara kana seenaa waggoota 30 booda taphoota baninsaa lamaan injifatamuun gabatee liigichaa 19ffaarratti kan argamu Maanchiisteer Yunaayitiid har’a Istaadiyeemii Oltiraafoord daawwattoota kuma 74 fi 310 qabatu irratti kilabootni lachuu tapha isaanii 200ffaa ni taphatu jehdame.

Leenjisaan kilabichaa Jaargan Kiloop Liivar Puul bara kana taphoota baniinsaa lamaaniin qabxii kan qooddate, taphichas injifachuuf taphata.

Gama Maanchiisteeriin leenjisaan haaraa kilabichaa Eerik Teeg Haag seenaa kilabichaa deebisuuf morkata.

Kilabootni lachuu beellama sa’aatii taphaa eeggachaa jiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment