Tapha Kilaboota Darbii Laandan Cheelsii fi Arsenaal akkaan eegamu

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Darbii Laandaniin tapha Piriimiyer Liigii Ingiliiz torbee 9ffaan Istaanfoordi Biriijitti taphni Cheelsiin Arsenaaliin keessummeessu hawwiin eegama.

Fageenya maayilii kudhan qofa Isteediyeemiiwwan addaan fagaatan kan qaban kilaboonni lamaan Sanbata galgala darbii Laandan 208’ffaa sa’aatii 01:30 irraa jalqabuun falmatu.

Waancaa liigichaa kilaboota ni argatu jedhaman keessaa tokko Arsenaal darbii Laandan taphoota 15 walitti aansuun taphate hinmoo’amne.

Fooddaa jijjiirraan taphattoota haaraan bakka buusuun ijaarsarra kan jiru Cheelsiin tapha jalqabaa 1970’tti 2 fi 1′ moo’ate.

Bara 2023’tti tapha xumuraa Arsenaal 3 fi 1’n moo’ate.

Leenjisaa Cheelsii haaraan Maawriiziyoo Pochetiinoo dirree isaanitti Piriimiyerliigii Ingiliiziin Kilaba Arsenaaliin hinmoo’amne.

Arsenaal Piriimiyerliigii Ingiliiz tapha tokkos utuu hinmoo’amin waancaa argachuun Cheelsiin bara dorgommii guutuu galchiiwwan 15 qofa keessummeessee Waancaa liigichaa argachuun kilaboota riikardii dhuunfachuun baroota lakkoofsisaniidha.

Walumaa galatti, taphoota 207 waliin taphatan keessaa Arsenaal 82 Cheelsiin 66 walmoo’achuun qabxii 59 qooddan.

Taphni galchiiwwan hedduu keessummeesse bara 2014 Cheelsiin 6 fi 0 ‘n kan moo’atedha.

Diroogbaan darbii Laandan irratti galchiiwwan 13 lakkoofsisuun kan dursuudha.

Leenjisaa Arsenaal Mikaa’el Armaaniyaa Arteettaan “Anaaf hojii leenjisummaa koof fakkeenya kan naaf tahan Maawriiziyoo Pochetiinoo dha” jechuun yaada kenne.

Olyaad Ahimaditu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment