Tapha cimaafi hawwataa torbee 13ffaa Pirimeerliigii Ingilaandi

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Tapha Pirimeerliigii Ingilaandi torbee 13ffaan Cheelsiin Maanchistar Yuunayitidiin keessummeessa.

Tapha cimaaf kan beellama qaban kilabootni lameen garaagarummaa qabxii 1’n sadarkaa 4ffaafi 5ffaa qabachuun taphni galgala har’aa akka eegamu taasisa.

Cheelsiin leenjisaa isaa Giraam Pooteriin durfamuun Maanchistar Yuunayitid kan Eerik Teen Haagiin durfamu yoo keessummeessu kun isa jalqabaati.

Cheelsiifi Maanchistar Yuunayitid erga bara 2020 as yeroo 5 walmorkachuun 4 qixa bahuun 1 Cheelsiin injifateera.

Giraam Pooter ji’ootan dura kilaba Biraayiteen dursuun Eerik Teen Haag waliin morkachuun injifataniiru.

Kan har’aa garuu gahumsa taphattootaa fi bakka taphaarraa eegale fuula jijjiirrateera.

Beellamni Cheelsii fi Maanchistar dirree Cheelsiirratti galgala sa’a 1:30’tti eegala.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment