Talaalliin vaayrasii koroonaa haara Chaayinaan gumaachitee Ziimbaabuwe gale

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC)- Talaalliin vaayrasii koroonaa haara Chaayinaan gumaachitee har’a ganama Zimbaabuwee magaalaa guddoo Haraaree galuu dhaga’ameera.
Itti aanaa preezdaantii biyyatti Koonsitaatiino Chiiweeng, buufata xiyyaraa Roobart Gaabreel Mugaabeetti argamuun deeggarsicha fudhaniiru.
Itti aanaa preezdaanticha dabalatee Zimbaabuweetti ambaasaaddarri Chaayinaa argamaniiru.
Talaalliin vaayrasii koroonaa Chaayinaan gumaachitee kun ammentaa kuma 200 qaba jedhameera.
Talaalliin vaayrasii koroonaa Siinoofirmaa jedhamuu kun dhaabbata oomisha qorichaa biyyatti ta’u himameera.
Maddi:-CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment