Talaalliin % 90 vaayrasii koroonaarra nama baraaruu danda’u ifoome

Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Talaalliin harka 90 vaayrasii koroonaarra nama baraaruu danda’u ifoome.
 
Talaallii kana Kubbaaniwwaan lamatu oomishaa jira jedhame.
 
Talaalliin dhaabbilee lamaan ifoome kun vaayrasii koroonaan qabamuurraa %90 nama baraaruu danda’a jedhame.
 
Talaalliin kun biyyoota 6 keessatt namoota kuma 43 fi 500 irratti yaalii taasifameera jedhame.
 
Yaalii hanga ammaatti taasiifameen namootarratti rakkoo fayyaa hin muul’ifne jedhame.
 
Dhaabbileen kunneen xumura baatii Sadaasaatti talaallii kana hojiirra oolchuuf gaaffii dhiyeessaniiru.
 
Talaallii yaalirra jiran keessa inni kun talaallii abdii guddaan itti laatame ta’uu himameera.
 
Kubbaaniyyaawwan kunneen talaalliwaan miiliyoona 50 xumuraa jiraachuu ibsuun, xumura bara Faranjootaa 2020tti dhiyeessuu akka danda’an eeraniiru.
 
Bara 2021tti ammoo talaalliwwan biiliyoona 1.3 oomishuuf hojjechaa jiraachuu himameera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment