Talaallii Pooliyoo kennamu hawaasni akka tumsu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)–Talaalliin Pooliyoo kennamu hanqina tokko malee akka gaggeeffamuuf hawaasni akka tumsu waamichi dhiyaate.

Naannoo Amaaraatti duulli talaallii ittisa Pooliyoo marsaan jalqabaa kennamuu eegaleera.

Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannichaa Balaay Bazzaabbii daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadii ta’an kanaan dura talaalamaniifis ta’e hintalaalaminiif kan kennamu ta’uu himan.

Talaallichi hanga Fulbaana 30, 2017’tti manaa manatti kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Duula kanaan daa’imman miiliyoonni 4 ni talaalamuun kan eegamu ta’uu eeruun, kanaafis galtee barbaachisaan dhiyaachuu himuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment