Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Tajaajiltummaan guddummaadha ulfinni kan argamu tajaajiluudhaani jedhaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, Tajaajiltummaan guddummaadha ulfinni kan argamu tajaajiluudhaani. Uumaa, biyya, uummata tajaajiluurraan alatti jireenya maaliitu jedhaniiru.
Hundi keenyayyuu bakka tokkotti tajaajiltoota bakka kanbiraattimmoo tajaajilamtootadha jedhan.
Tajaajiltummaan aadaa fi naamusa hunda keenyaa yoo ta’e, waajjirri kamiyyuu kan bulchiinsi gaariin itti dagaage ta’a.
Qaamoleen murtaa’an qofaan akka nu tajaajilan kan eegnu yoo ta’e garuu, qabeenya mararfamaa bakka tokko tokkotti barbaadamee argamu nutti ta’a.
Biyyi tajaajiltoota gahaafi gahumsa qaban hin qabne, guddinaan fagaattee deemuu fi olbahuun rakkoo itti ta’adha jedhaniiru.
Qaammee 2 Guyyaa tajaajilummaatin yaadatamee ni oolaa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna