Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Ministeerri Teeknooloojii fi Innooveeshinii hawaasni tajaajiloota dhaabbilee garagaraa qaamaan deemee argatuu elektorooniksiidhaan bakka jiran ta’uun tajaajiloota akka argataniif hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Magaalaa Finfinneetti dargaggoota aanoolee 121 keessaatti walitti babba’aaniif waltajjiin hubannoo uumuu gaggeeffameera.
Waltajjichaan Ministeerichatti daayreektarri waliigala damee Infoomeeshinii Teeknooloojii Dooktar Injinaar Abiyoot Sinaamoo, adeemsa hanga ammatti jirun dhaabbileen 45 keessatti tajaajiloonni elektrooniksii 226 misoomanii tajaajilamtoonni miiliyoona 2 ol tajaajiloota gargaraa argachaa jiru jedhaniiru.
Tajaajiloonni elektirooniksii sadarkaa idil addunyaatti doolaraa Tiiriiliyoona 3 ol kan sochoosaan ta’uusaanii fi dargaggootaaf carraa hojiif mijatoo waan ta’aaniifi jedhaniiru.
Sadarkaa biyyatti dargaggootaaf carraa hojii uumuuf hojjetamaa jirachuu ibsamuu ragaan ministeericharra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.