Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Tajaajiloonni qontsilaa Ityoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa kennu michummaa uummata biyyoota lameenii giddugala godhachuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.
Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan waliin mari’ataniiru.
Mariisaaniin haala Ministeerri Dhimma Alaa fi Imbaasiin Ameerikaa tajaajila lammiileef kennan itti si’eessuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Tajaajiloonni ministeerichaan hawaasa dippiloomaatikii fi dhaabbilee deeggarsa dhiyeessaniif kennaman yeroo fi haala ilaalcha keessa galchuun kennamaa jiraachuu Ambaasaaddar Burtukaan ibsaniiru.
Adeemsa kenniinsa viizaa maamiltootaaf dhiyaatan ariifataa fi ammayyaa’aa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu fi hanqinaaleen adeemsa ce’umsaan mudachaa jiran yeroo dhiyootti kan sirreeffaman ta’uu ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Bifuma walfakkaatuun tajaajiloota qontsilaa Ityoophiyaatti Imbaasii Ameerikaan laataman michummaa uummata biyyoota lameenii giddugala godhachuu akka qaban gaafataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.