Tajaajillii Inshuraansii Fayyaa Naannichatti erga jalqabamee waggaa dheeraa ta’uus lakkoofsi namoota miseensummaan tajaajila argachaa jirani garuu xiqqaadha jedhame

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan Sababa baasii tajaajila fayyaatiin waggaa tokkoo keessatti qofaa Namoonni miliyoona 2 caalani hiyyuummaaaf saaxilamuu jedhani.
Tajaajillii Inshuraansii fayyaa hawaasaa kaayyoon isaa guddaa rakkoo kana hambisuu tahuus hamma barbaadamee tarkaanfachuu hin dandeenyees jedhani Dooktar Mangistuun.
Aanaaleen harka 93 fi Magaaloonnii Naannichaa % 50 keessatti tajaajilichi kan jalqabee tahuus uummanni miseensa tahee garuu % 43 qofadha.
Rakkoon hubannoo,Murannoon hoggansaa xiqqaa tahuun,qulqulliinnii kenna tajaajilaa gadii aanaa tahuunimmoo kanaaf sababa tahuu himaniiru.
Mootummaan rakkoo kana furuuf bajata guddaa ramadee hojjechaa jiraachuu kan kaasani Dooktar Mangistuun bara 2013tti aanaalee hundi akka tahaniif Tajaanila Inshuraansii fayyaa Magaalotaa harka 100 Akkasumas Abbaa warraa %70 ol naanmichatti fayyadamaa taasisuuf hojiin duulaa jalqabamuu himaniiru.
Ji’a amajjii Duula Inshuraasii fayyaa taasisuun hojii jalqabameen guyyaa 20 keessatti namoota miliyoona 2.3 ol Miseensa taasisuun dandahameera.
Xiyyeeffannaadhaan hojjennaan kana caalaa hojjechuun akka danda’amuu kan dubbatan Dooktar Mangistuu Baqqalaan hoggansi, ogeessoonnii fi kutaan hawaasaa hundi gahee isaa akka bahatu dhaamaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaaniin Karoora Misoomaa akka biyyaatti qabame galmaan gahuuf lammiin fayya buleessi barbaachisaa tahuu isaatiin mootummaan tajaajila fayyaa madaalawaa lammileef waliin gahuuf hojjechaa jiraa jedhaniiru.
Tajaajillii Fayyaa qulqulliina qabu hawaasaaf waliin gahuufis rakkoolee dhiyeessiidhaan wal qabatani jiranii gama furuutiinis hojileen jalqabamani cimanii kan itti fufani tahuu himaniiru.
Yidneqaachaw H/Maariyaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment