Tajaajilli ‘Pooleetiiv Keer’ Buufataalee Fayyaa Magaalaa Finfinnee 22’tti kennamaa jira

Tajaajilli ‘Pooleetiiv Keer’ Buufataalee Fayyaa Magaalaa Finfinnee 22’tti kennamaa jira

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)- Dhiphina namoota dhibee isaaniirraa wal’aanamanii fayyuu hindandeenye hir’isuuf kan kennamu tajaajilli ‘Pooleetiiv Keer’ jedhamu buufataalee fayyaa Magaalaa Finfinnee 22’tti kennamaa akka jiru Biiroon Fayyaa Magaalattii beeksise.

Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Doktar Mulugeetaa Indaalee akka ibsanitti, tajaajilli kun waggaa darberraa eegalee kennamaa jira.

Buufataaleen fayyaa magaalattii 22 Hospiitaalota waliin qindoomanii lammiilee dhaabbilee fayyaa keessatti siree qabatan, deddeebi’anii wal’aanaman yookaan mana isaaniitti tajaajilicha akka argatan ta’aa jira.

Tajaajilli xiinsammuus tajaajilicha faana qindoomee kennamaa jiras jedhaniiru.

Baay’ina namoota tajaajila kana barbaadanii ilaalcha keessa galchuun lakkoofsa hospiitaalota tajaajilicha kennanii dabaluuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

 

Comments (0)
Add Comment