Tajaajilli Pirojektoota Indaastirii warshaalee sukkaaraa 2 waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Tajaajilli Pirojektoota Indaastirii warshaalee sukkaaraa 2 waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichaan Tajaajillii Pirojektootaa Indaastirii warshaalee sukkaaraf tilmaama qabeenyaa taasisuu fi hojiilee qorannoon gaggeessuun deeggarsa faayinaansii taasisuun gara oomishtummaa fooyya’aatti ceesisuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Waliigaltichas Itti Gaafatamaa Waajjira Hoji Gaggeessaa Olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Fitsum Katamaan, Hoji Gaggeessitoota Warshaalee Sukkaaraa Finca’aa fi Kasam waliin mallatteessaniiru.

Tajaajilli Pirojektoota Indaastirii qorannoo fi gorsaa waggootaa 40 ol taasisuun pirojektoota guguddaa biyyaalessaa dhugoomsuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Kanaan dura, warshaalee sukkaaraa gugudda 3 fi dhaabbilee biroo waliin akkasumas pirojektoota waliin hojii qoranno, qo’annoo fi gorsaa gaggeessuuf waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment