Tajaajilli Paablik Sarvisii Ityoophiyaa konkolaattoota addaa qaxxaamura biyyaa 50 argate

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Indaastiriin Oomisha Awutoomootiivii Bishooftuu konkolaattoota addaa qaxxaamura biyyaa 50 Tajaajila Paablik Sarvisii Ityoophiyaaf laateera.
Sirna walharkaa fuudhinsaa kanarratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojastiksii Aadde Daagmaawiit Magos dabalatee hoggantoonni mootummaa biroo fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Konkolaattoota kanneen keessaa 5 qaama miidhamtoota tilmaama keessa galchuun kan oomishaman ta’uu ibsameera.
Konkolaattoonni kunneen Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 43 ol kan baasan, daraan ammaayyaa’oo ta’uu eerameera.
Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment