Tajaajilli odeffaannoo fi nageenya biyyooleessaa shororkeessummaa fi daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa too’ate

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Tajaajilli Odeffaannoo fi Nageenya Biyyooleessa shororkeessummaa fi daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuun nageenya biyyooleesaa mirkaneessera.

Tajaajilli odeffaannoo fi nageenya biyyooleessa bajaata bara 2012 xumurameetti haleella shorokeessuumma ummataa fi biyyaarra miidhaa qaqqabsisuu danda’aan akka hin raawwatamneef fashaleessu beeksiseera.

Akkasumaas biyya keessaatti yoo raabsamaan walitti bu’iinsa guddaa qaqqabsisuu kan danda’aan meeshalee waraanaa to’annoo jala oolchuun shooraa olaanaa bahachuu Faanaa Brookaasting Koorporeetiif ibsa ergeen beeksiseera.

Dhaabbaticha gamaggamaa waggaa irratti hunda’uun ibsa ergeen akka beeksiseetti, bara bajaata 2012 Alshabaabii fi IS bahaa Afrikaa ka’uun Ityoophiyaarratti kan xiyyeeffatee sosochii taasisa turan.

Sochii shororkeessumma ittisuuf hordooffii cimaa taasifameen akkasumas dhaabbilee naannoolee waliin odeeffaannoo wal jijjiirraa taasifameen hojiin shoroorkeessuuma kun fashala’uu ibseera.

Naannichatti sochiin shorkeessumma nageenya biyyooleesaa fi faayidaa biyyarratti miidhaa akka hin qaqabsifneef dhaabbilee odeeffannoo nageenya biyyatti waliin wal qunnamuun tarkaanfii fudhatameen bara 2012 to’annoo jala kan oolan Alshabaab 16, IS 17 waliigala 33 nageenya biyyaa booreessuuf kan kayyeeffatan suuraawwanii fi sanadoota meeshaalee dhoo’insa waliin to’anno jala oolchuu beeksiseera.

Haluuma wal fakkatuun wajjirichi meeshaalee seeraan alaa nageenya hawaasaa fi biyyaa rakkoo keessa busuu danda’aan kilaash koov 499, rasaasa kuma dhibba 1fi kuma 68 fi 241 akkasumaas meeshaa waraanaa 59 to’anno jala oolcheera.

Akkasumaas Tuurkiirra kan ka’uun bufaata Jibuutiirra gara Ityoophiyaa kan seenaan Birrii miiliyoonni dhibba 5 ol shugguuxi 1,832 fi meeshaalee elektirooniksii adda addaa seeraan alaa galuuf turan to’atamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment